Seenaa Qulqulluu Taklee Haymanooti.
AsneeShow
0:00 / 0:00
Seenaa Qulqulluu Taklee Haymanooti.
6 580 просмотров · 6 лет назад
AsneeShow
33,9 тыс. подписчиков
6 580 просмотров · 6 лет назад
Maqaa Abbaa kan ilmaa kan afuura qulqulluu waaqa tokko amen!
Qulqulluun Takle-Haymaanot Abba isaanii luba Tsegaa-zeab fi harmee isaanii Igzi'ariiha irra Muddee 24, 1197 B.A dhalatanii. Haatii fi abbaan isaanii ijoollee waan hin qabneef Waaqayyoon muca akka keennuuf kadhachaa turan. Guyya tokko Igzi'ariihan gara bataskaanaa deemtee akkas jette kadhatee "yaa Waaqayyoo muca siif ajajamuu naaf kennii, mucaa siif hin ajajamnee garuu naaf hin kenniin. Mucaa siif hin ajajamiin dahuuraa dhabduu ta'e jiraachuu naaf wayyaa" jette. Waaqayyooniis garaa laafuummaa fi amanamuumaa luba Tsegaa-zeab fi Igzi'ariihaa ilaalee mucaa kabajamaa fi eebifamoo kan ta'e Taklee-Haymaanotiin kenneef. Abban keenya dhalatanii gaafa guyyaa sadaffaa "Abbaf galanii haa ta'u, Ilmaaf galanii haa ta'u, Hafuura qulqulluuf galanii haa ta'u" jedhanii Sillaasee galateefataniiruu. Haalii ittiin guddataniis akkuma Wangeelii barsiiseeti
“Inni isin waame qulqulluu akkuma ta'e, isinis adeemsa keessan hundumaan qulqulloota ta'aa!” 1 Pheexros 1:15 Barnoota jedhuu hordofanii qulqulluumaan jiraatan. Abbaan keenyi Taklee-Haymaanot umurii isaanii guutuu Waaqayyoon tajaajiluun nama foon uffatee ta'anii akka eergamaa Waaqayyoo kan jiraatan dha. Waaqayyooniis qulqulluumaa isaanii kana argee, lubootaa 24 samiira qulqulluu qulqulluu qulqulluu jedhanii isa galateefatan waliin akka Surafeel ta'anii akka isa tajajiilan godheera. “Namni qajeelaan akka muka meexxii biqila ni tola, akka gaattiraa Libaanosis ol ni guddata.” Macaafa Faarfannaa 92:12 akkuma jedhamee abbaan keenya Taklee-Haymaanot akkuma muka meexxii tolanii, biyya keenya Itiyoopiyaa keessa naana'anii Wangeela barsiisaniiruu. Biyya keenya irraa darbees biyya Misiraa(Gibtsii) barsiisaniiruu. Bataskaanii maqaa isaaniin mogafamee biyya misira nii jira. "Egaa Waaqayyo, "Xu'aashota Sanbata koo eeganiif, wanta na gammachiisu godhaniif, kakuu koo jabeessanii eeganiifis,ani mana qulqullummaa koo keessatti, kellaa isaa keessattis, ijoollee dhiiraa fi durba qabaachuu irra kan caalu, maqaa bara baraan hin badnee fi seenaa isaan ittiin yaadataman nan kennaaf."Macaafa Isaayaas Raajichaa 56:4-5
Kan jedhee Waaqni keenya maqaan abba keenya akka kabajamuuf bataskaanii maqaa isaaniitiin akka mogahuuf godheera. Arjuumaa isaa hin dhumneen kan qulqulloota nuuf keenne Waaqni keenya waadaa isaan waliin galeen nuun ijoollee isaa gaafa dhufaati isaa lammaffaatii nuu haa yaadatu
Ameen