Перейти к содержимому

‘’Irreechi baranaaf irreen misoomaa naannawa itti kabajamutti mul’ate.’’ A/ M Abbabaa Hayiluu.

OBN Oromiyaa [Oromia Broadcasting Network]

0:00 / 0:00

‘’Irreechi baranaaf irreen misoomaa naannawa itti kabajamutti mul’ate.’’ A/ M Abbabaa Hayiluu.

407 просмотров · 4 дн. назад
OBN Oromiyaa [Oromia Broadcasting Network]
1,08 млн подписчиков
407 просмотров · 4 дн. назад
‘’Ayyaanni Irreechaa baranaa irreen misoomaa naannawa itti kabajamutti kan mul’atedha.’’ Abbaa Muudaa Abbabaa Hayiluu. Waggoota muraasaan dura, hanga hooggansi jijjiiramaa dhufutti ayyaanni guddaan uummata guddaa sodaa keessatti xiiqiin kabajamaa ture. Waggoota dhihoo as malkaawwan irreessaa dagataman yaadatamuu, sabaafi sab-lammoonni biroon irratti hirmaachuun, Oromoon golee hundarraa walitti bahee miidhaginaafi guddummaasaa ittiin mul’isuun waan addaati. Keessattuu misoomni naannawaa Malkaawwan hora Finfinneefi Harsadeetti raawwatame gammachuu dachaa nuuf ta’uufi harka misoomseefis galatatu mala jedhan, Abbaan Muudaa Gadaa Tuulamaa Abbabaa Hayiluu. Sirna Gadaa Oromoo keessatti abbaan muudaa , nama ayyaana qabuufi waaqatti dhihoo jedhamuun ilaalama. Ni eebbisa, seera safuufi nagaa tiksa, hooggansa haaraafi hangafoota dhadhaa muuduun eebbisu. Tokkummaa uummataa akka cimuufis hojjeta. Sirna kabaja ayyaan irreechaan wal qabatees Abbaan muudaa, baninsaafi xumura irreeffannaa eebbaan eegalchiisuun goolaba. Muudaafi eebba kenna, araaraafi nagaa labsa, Ayyaanni aadaafi duudhaasaa eeggatee rakkoo malee akka raawwatamuuf hojjeta. Dhaloonni haaraan safuufi safeeffannaa ayyaanaafi sirnasaa akka beeku gorsa. Abbaan Muudaa Abbabaa Hayiluu Ayyaana Irreechaa baranaa addadha, malkaa Irreechaa misoomaan miidhagerratti uummanni miidhagaan uffata aadaa isaan faayamee kan irratti mul’atudha jedhan. Ayyaanni irreechaa ayyaana galataati, Oromoon ganna qotatee, tifkatee gabbifatee, bacaqiifi qaqawweesa Gannaa, guuta galanaafi dhahicha cabbii jalaa waaqa booqaa Birraatti namaa sa’a nu baafte jedhee uumaasaa galateeffachuuf coqorsa jiidhaa qabatee malkaatti bahee waaqasaaf galata galcha jedhan. Kan facaafanne nuuf asheetee, daraaraan lafa guutee naannoon urgaa’ee sanyii itti fufsiisuuf yeroo hawwiifi gabbinni namaa sa’aa itti dhugoomudha. Irreessa qabatanii malkaatti bahuun duras nagaa buusuun ofirraa eegala, maatiifi ollaanis araara buufata kun dirqama safuufi safeeffannaa Orom duriiti, malkaarraas huurri haxaa’amee mataafi garaa qulqulluudhan malkaa qarruu /qulqulluutti / bahuun galanni waaqaaf dhihaata jedhan. Uummanni irreessarratti hirmaatu, dargaggeessaafi dargaggeettiin, guddaafi xiqqaan iccitii duudhaa kanaa beekuun raawwachuun qaroominaafi guddummaa Oromoo mirkaneessuun eebbaafi nagaa argachuu ta’uu akeekan. Oromoon uumamaan beekaadha, beekumsa kana dhugeeffachuu qabna, dhaloonni ammaa kunillee kana sirnaan fudhatee ittiin hojjechuu qaba. Dudhaan safuufi safeeffannaa, eebbiifi sirni dhiifamaafi araaraa isaa baay’achuu Oromoof sababa jedhan, Abbaan Muudaa kun. Akkuma eebbi haphee ta’ee qabatee nama badhaasu, waan dalgaafi hin taane raawwachuufi safuu cabsuunis abaarsaaf saaxiluun nama quucarsa waan ta’eef safuufi safeeffannaa eeguun hundarraa akka eegumu dhaamaniiru.