Godinaaleen kanaan dura 21 turan gara Godinaalee 6 caaseffamuu himame
Oromia Communication Bureau
0:00 / 0:00
Godinaaleen kanaan dura 21 turan gara Godinaalee 6 caaseffamuu himame
16 203 просмотра · 11 часов назад
Oromia Communication Bureau
16,3 тыс. подписчиков
16 203 просмотра · 11 часов назад
Caffeen Oromiyaa Yaa'iisaa duraa Waggaa 1ffaa Bara hojii 7ffaa geggeessaa jiruun wixinee labsii qaama raawwachiisaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa irra deebi'uun gurmaa'ee dhiyatee raggaasiseera.
Kanumaan wal qabatee hoogganaa Biiroo Abbaa Alangaa Oromiyaa Obbo Guyyoo Waariyoo ibsa kennaniin caffeen Oromiyaa murtee seenaa qabeessa fayyadamummaa uummata keenyaa murteessuu kaasuun, wixineen labsii qaama raawwachiisaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa irra deebi'uun gurmaa'ee har'a Caffeen ragga'e kun qindoomina qaamolee mootummaa kan cimsu ta'uu dubbataniiru.
Riiformiin seeraan kan deeggarameefi aangoo gadi buusuuf kan kaayyeffate ta'uu himuun, Godinaaleen kanaan dura 21 turan gara Godinaalee 6 caaseffamuu himaniiru.
Godinaaleen kunneenis;
1. Godina Bahaa Oromiyaa
2. Godina Giddugala Oromiyaa
3. Godina Lixa Oroniyaa
4. Godina Kibba Oromiyaa
5. Godina Kibba Lixa Oromiyaa
6. Godina Kibba Baha Oromiyaa ta'uu dubbataniiru.
Caaseffamni kunis mootummaafi uummata sirnaan kan walitti dhiyeessuufi kenna tajaajila mootummaa kan si'eessu ta'uu ibsaniiru.