#Iccitii Sillaasee #Utubaawwan_Iccitii_Shanan #Utubaa #Iccitii #Dubbii_Amantaa #Ortodoksii #Twaahido
Eklesiya Ortodoksii Tawaahido
0:00 / 0:00
#Iccitii Sillaasee #Utubaawwan_Iccitii_Shanan #Utubaa #Iccitii #Dubbii_Amantaa #Ortodoksii #Twaahido
2 093 просмотра · 5 лет назад
Eklesiya Ortodoksii Tawaahido
205 подписчиков
2 093 просмотра · 5 лет назад
#Iccitii_Sillaasee
kutaa jalqabaa baruumsa Iccitii Sillaasee
#Seensa
Hiika Jechootaa
1 Utubaa
Utubaan Kitaaba Qulqulluu Keessatti iddo hedduutti caqafamee ni argama.
1, Utubaan kan dursu,kan qajeelchu , ifaa fi kallattii kan kennu ta'ee ibsamee jira. “Halkanii fi guyaan akka adeemaniif ; Waaqayyo karaa isanitti agarsiisuuf Guyyaa Utubaa Duumessaan ; Halkan ammoo Utubaa Ibiddaan isaan gaggeessa ture” Bahuu 13:21
→ Uummanni Israa'el Isaan Fooni Gabrummaa irraa gara Bilisummaa ; Gibxii irraa gara Biyya Abdii abboota isaani kana'an ; Gara Waaqayyo Beekuu fi Waaqessuutti Akka imalaniif Kan isaan qajeelche Utubaa Duumessaa fi Ibidda sanaa.
→ Nuti Imaltoota eessaati ?
Fayyini giddu gala baruumsa Mana kiristiyaanaati. Fayyinni adeemsa Namni hundi gara Waaqayyo beekutti darbees , Ilma Waaqayyo ta'uufi Waaqayyo fakkaachaa guddachuuf akka irra imallu kennamtedha. Karaa kana shakkii fi ganiinsaan akka hin dhabneef gufuu Mormitootaa fi dukkana wallaalummaa irraa kan nu eegan Shanan Utubaale Iccitii kanadha.
2, Mana Waaqayyoo , Mana Kiristiyaanaa
“Yoon ture garuu, Mana Bultoo Waqayyo keessa akkamitti jiraachuu akka qabdu akka beektuf siifan barreessa ; Manni kunis Mana Kirirstiyaana Waaqayyo Jiraataa, utubaa fi demdemoo dhugaadha.” 1ffaaXimotewoos 3:15
→ Utubaa Dhugaa jedhamtee kan waamamte Manni kiristiyaana Waaqayyo jiraataa ,Galmee Iccitii , fi kennaawwan Hafuura Qulqulluuti. Mana kana keessatti Waaqayyo Hafuuraan , kennaa fi hojiilee arjummaa qofaan kan argamu osoo hin taane Iccitii addaan Nyadhaa dhugaa jedhee Foonif Dhiiga isaa nuuf kennuudhaan qaama isaatini.
→ Mana tana keessatti Bishaan fi Hafuura Qulqulluu irraa dhalanne (Yohaannis 3:5). Manni kiristiyaanaa haadha kiristiyaanota hundaa waan taatef baruumsa fi eegumsa isheen , akkasums kennaawwan Hafuura Qulqullu kanneen ta'an iccitiilee nuuf raawwachun adeemsa fayyinaa keenya akka raawwannu nu eegdi.
→ Manni Utubaa (Isaan hammayyaaf kolonii) malee hin ijaarramu. Ijaarramus diibbawan ia muudatan dandamatee Hin dhaabbatu. Kiristiyaanummaa keessatis Amantaan Utubaawwan Iccitiilee kanneenin ala hin dhaabbatu.
→ Manni kiristiyaanaa akka haati ijoollee isheef Aannan hoosifttee guddistu , amantoota shakkii fi ganiinsa irraa eeguuf Utubaawwan iccitii shanan kana barsiiftee nu guddifti.
2, Iccitii
Hiika Dheedhiin: Nama aante (fira ykn hiriyyaa) qofaaf malee kan hin himamne , laphee keessatti kan qabatan jechuudha.
kaayyoo Baruumsa Keenya waliin walqabsiisuuf Yaada Beekkumsa Ilma Namaa irraa Ol ta'e , Qoranoo biyya lafaan bira hin ga'amne fi “Amantiidhan”kan fudhatan iccitii jennee hiikna.
Iccitii Motummaa Waaqayyo Beekuun Eenyuf Laatamte ?
Iccitii Waaqayyo beekun Warra Hafuurri qulqulluun isaanif ibseef malee Adunyaa hundaaf hin laatamne. Baruumsa isaan Ifa adunyaa kan jedhame Qulqulluun Phaawulos “waan yaada namaa keesa jiru , hafuuruma namicha keessa jiru malee , namni biraa beeku eenyu ? ; akkasuma Hafuura Waaqayyo Malee ,eenyu illee yaada Waaqayyoo hin hubatu.” (1ffaa Qoronxoos 2:11) jedheera.
“Haati Goftaa kootii gara koo akka dhuftu , akkamitti anaaf ta'a ?” (Luuqaas 1:43) jechaa Icitii sammii, byya lafaaf labsu.
“Isin hundee Errgamtootaa Fi Raajotaa irratti ijaaramtanii jirtu” Efeeson2:20
Waaqayyo Iccitii isaa akka fedha isaatti Rajotaa fi Abboota Ergamtoota (Duuka Bu'oota) issaaf barootaaf ibsaa fi mul'isaa turee jira.
Raajich Amoots “Waaqayyo Gooftaan Iccitii isaa , hojjattoota isaa warra Raajotatti utuu hin mul'isin homaa hi hojjatu ” (Amoots 3:7)
Gooftaa, Fayyisaa fi Waaqni keenya Ergamtoota (Duuka bu'oota) isaan “Iccitii (Dhoksaa) Mootummaa Waaqaa beekuun isiniif kennamee jira” (Maatewos 13:11) akkuma jedheen.
Utubaawwan Iccitii Shanan kun Maalif iccitii Jedhaman?
1, Tajaajila muldhatuun Eebba (kennaa) hin mudanne waan irraa argannuuf,
2, Amanttootaaf malee warra hin amanneef waan hin raawwatamneef,
3, Hirmaannaa Hafuura Qulqulluun kan rawwatamanii fi sammuu ijoollee namaan kan hin qoratamne waan ta’aniif. Fknf, Hibistichi fi wayiniin Sirna Qiddaase irrati yoom (sa’aatii), akkamitti gara Foon Qulqulluu fi dhiiga Kabajaamaa Gooftaatti akka jijjiiramu waan hin beekkamneef Iccitii addaa isa jechisiisa.
Shan ta’u isaanii
“Namni gurra qabu isa afuurri qulqulluun manneen kiristiyaanaaf jedhu haa dhagahu” (Mul’ata 2:11)
1ffaa Saamu’eel 17:40 Qulqulluu Daawwit
Qulqulluun Phaawulos Ergaa isaa gara uummata Qorontos isa duraa 14:19 irratti “Afaan hin beekne sagalee kumaatama dubbachuurra warra kaan barsiisuuf qalbii kootiin sagalee? jechoota hiika qaban shan duwwaa dubbachuu nan jaaladha” jedha.
Shanan isaani haala Raawwii fi Qabiiyyee isaanii irratti hunaa’uun bakka lamatti qoodnee ilaaluu dandeenya.
1,Iccitiilee dubbiin Waaqummaa ittiin Ibame. Iccitiiee kana hama Waaqayyo irraa arganne beekuu fi amanuun fudhachuuf kan barannudha.
_Iccitii Sillaasee
_Iccitii Foon Uffachuu
2,Kanneen Namaaf Raawwataman.
_Iccitii Cuuphaa
_Iccitii Qurbaanaa
_Icittii Du’aa Ka’uumsaa
++++++++++++
Iccitii Sillaasee Itti Fufna...