Перейти к содержимому

CARROOMUUDHAA / by Gospel singer Marsimoy zeleka

Marsimoy Zeleka Official

0:00 / 0:00

CARROOMUUDHAA / by Gospel singer Marsimoy zeleka

148 просмотров · 1 день назад
Marsimoy Zeleka Official
33 подписчика
148 просмотров · 1 день назад
Carroomuudha! Haalotarraa kaasee ijakoo garumakeen laalaa S'iin ala eenyut jira kan naaf ta'u falaa Jireenyaaf mijattuu miti dacheen bu'aa ba'iidhaa Jiraachuuf anaa abdii kutee jooraa haalli buuse kan harkakoo qabe si'idhaa Bagan kankee ta'ee kankee ta'uun na gammachiisee Baguma koo taatee koo ta'uunkee na jiraachisee Ati hiryaa sobaa mitii gaafa haalli hammaate nan dheessinee Qullaa naaf dhoksitee bakkan kufee ciisuu ol na kaafte malee Orma natti taatee fuula achi qabattee na biran darbinee Gara laafessakoo guddaan si jaalladhaa Gara laafessakoo si dhimmee naaf yaadaa Gara laafessakoo baayyeen si jaalladhaa baayyeen si marsiifadhaa Namni si amanatuu eessattuun salphatuu Maqaakee kan waamu bineensatun nyaatuu Jedhaniin jedhuu ijaanin arge an gargaarsakee. Afaan du'aarraa siinan deebi'ee ifa kanayyuu karaakeen argee Baa'a yaadaa baadhee ol ba'uu dhadhabee utuun tabba dhiibuu Harkumakeen arge ofiirratti ulfaataa baa'aakoo si'ii narraa fuudhuu Hunduu natti haa afuu si jalatti buluun anaaf gamnoomuudhaa Waan hundumaa dhiisee si duukaa bu'uunkoo eeyyee carroomuudhaa Carroomuudhaa Yesuus si filachuun carroomuudhaa Carroomuudhaa gooftaa siif hojjechuun carroomuudhaa Qabeenyi lafarraa al tokkittiin badaa isa harca'een banne Yesuus si qabachuun duroomuudha🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏