RNH 1008, May 1, 2026 Jaarmaya Bultii
Nuuralhudaa
0:00 / 0:00
RNH 1008, May 1, 2026 Jaarmaya Bultii
8 527 просмотров · 5 мес. назад
Nuuralhudaa
292 тыс. подписчиков
8 527 просмотров · 5 мес. назад
"Anaafi obboleessi jaarsa obboleettii tiyyaa wal jaalannee, bultii wajji jaaruuf karoorsine. wanti kun akka naannoo keenyaatti safuudha. obboleewwan dhiiraa lama, dubartoota walii obboleewwan tahan abadan hin fuudhan. namni kana godhe nama safuu cabse. garuu anaafi gurbaan wal jaalannee rakkanne. maatitti yoo erganne abadan nikaaha nuuf hin godhan. kanaaf wajji mari'annee, dhoysaan nikaaha godhanne.
eega nikaaha godhannee wajji jiraachuu eegallee booda dubbiin dirree baate. maatiin keenya lachuu dubbii tana dhagahanii akka malee dallanan. kana booda maatiin isaa gurbaa manatti yaamanii, Nuufi intala tana keessaa tokko filadhu. yoo isii filatte, nurraa fagaadhuu deemi, abadan haga lubbuun jirtu nutti hin deebi'in. yoo nu filatte ammoo intala tana ofirraa baasi jedhaniin. kana booda anaafi jaarsi kiyya wajji mari'annee, tooftaan araarfachuuf yeroo muraasaaf adda fagaachuu murteessine. haaluma walii galtee teenyaatiin ani ka'ee maatii kiyya biratti gale. eegasii inni matii ofiitti dhaqee, intala nikaaha irraa buusee galchee jira. dhiifama naaf godhaa jedheen. hanga maatiin xiqqoo tasgabbaawuuf yeroo muraasaaf akkanumatti turree, tooftaa birootiin araarfachuuf karoora qabna. inni maatii ofiitiin "intala nikaaha irraa buusee galchee jira" jechuu kanaan nikaan keenya ni diigamaa? mee akkam godhuu qabna. haala kamiin maatiis araarfannee nama kana wajji jiraachuu dandeenya? obsaan isin eeggadha. galatoomaa."
Copyright Notice:
Reuploading any of our videos or content to another YouTube channel or platform without our explicit consent is a violation of our copyright. We do not tolerate such actions.
We actively monitor for unauthorised use of our content. If we discover that our content has been reuploaded without permission, we reserve the right to take appropriate legal action, including reporting the infringement to YouTube and requesting the removal of the unauthorised content.