GOCHAAKEE YEMMUUN YAADADHU!
Jireenyaa fi Dammituu Official
0:00 / 0:00
GOCHAAKEE YEMMUUN YAADADHU!
65 378 просмотров · 10 месяцев назад
Jireenyaa fi Dammituu Official
9,5 тыс. подписчиков
65 378 просмотров · 10 месяцев назад
Gochaa kee yemmuun yaadadhu garaa kootu na raafama (2)
Olmaa kee baasee dubbachuuf tilmaama isaan dhabe dhuguma (2)
Yaa’ee darbeera gaddi koo ana irraa akka galaanaa
Mararteen kee fi jaalalli kee anaaf ta’eera qabbana
Haleeluuyya (3)
#1
Gochaa kee kamiin dubbadheen isa kamfaan garaa jabaadha
Hunduu garaa koo naraasa kamtu madaalliitti hir’uudha
Gooftaakoo nama siin qabutti waan gariin tokko hin hir’atu
Irraa hafaa qabaata malee bultoo isaaf orma hin eeggatu
Manni isaas hundaan guutuudha gombisaan isaas hin hir’atu (2)
#2
Abbaa koo isa ati naaf taate garaan diinaa guddaa aaree
Kiyyoo du’aa naaf naqeera daandii koo irraa hiree hiree (2)
Anis oleen si jajadha gojomii ilkaan diina koo
Faara tolaan simii fudhuu isaan siif kennu Aarsaa koo
Yammuus lapheen koo in boqata sitti jaalallee dhugaa koo (2)
Na darbateera dinni koo anaaf hin hillee
Bitaa fi mirga koo dhaabatee situ naaf lole (2)
Maal attamittan dhoksaree gochaa kee kana
Cal jechuuf anoo hin danda’uu ulfinan siif kenna
hoo’uu galata(3)
Gooftaakoo kun iyyuu sitti xinnaata (2)
Na biratti hin hafin nan baasa gatii kee hamma dandeettiikoo (2)
Na biratti hin hafin nan baasa gatii kee hamma humnakoo
Siif of hin qusaadhu
Humnakoo hin waakkadhu
Sin jaja hin salfaadhu
Ati ajaja baafnaan dubbiin galagale
Boolli diinni qotes isuma hawwaalee
hoo’u galata galata irraa hafaa (3)
Gooftaa ulfina keef ani nan gugguufaa