GEDION DANIEL || JAALALA IDDOO GA'AA || FAARFANNAA HAARAA || 2026
Gedion Daniel official
0:00 / 0:00
GEDION DANIEL || JAALALA IDDOO GA'AA || FAARFANNAA HAARAA || 2026
203 693 просмотра · 3 месяца назад
Gedion Daniel official
4,39 тыс. подписчиков
203 693 просмотра · 3 месяца назад
SINGER : GEDION DANIEL
TITLE : JAALALA IDDOO GA'AA
MUSIC : DESALEGN MEGERSA
MIXING : MOTI TERESA
DIRECTOR : GUTU BIKILA
PRODUCTION : QUBEE FILMS
CINEMATOGRAPHER : JOTE ABREHAM
COLORIST : BEKI SAMI
GAFFER : ABDI SAQETA
LYRICS
Nan bareede na bareecheem uffanni koo
Uffanni abbaan natti uwwise
Nan bareede na miidhekseem ayyaanni koo
Ayyaanni abbaan natti uwwisee
Natti qorree hin beeku caamnis nan rukkunne
Waaqayyo akka namaa abdii narraa hin kunne
Akka muka jiruu Bishaaniin wal bira
Ergan Gooftaa baree an lalisaan jira
Haa eebbifamu harki na baate
Aha ha aha*3 Haa eebbifamu
O N E
An silas gonkumaa jabina homaa hin qabu
Humni koos danda'ee kufnaan ol nan qabu
Firruu mudaa ilaaleetu nama ciiga'a
Foon qabeessi hin qabu jaalala iddoo ga'aa
Haatumti dandeease da'uuf ciniinsuu koo
Kaasuu isheetti baattee hoosiftee deessuun koo
Gaafa haalli cimu garaa nii jabaatti
Dhala mar'umaan ishee tasa in irraanfatti
Bar'uusaarraa qaba Waaqayyo maqaa koo
Tasa isatti hin tolu gufadhee cabuun koo
Ushururuu jedhee kaasuutti na baata
Akka dhala dhabaatti na mararsiifata
T W O
Ho'a qabeessi koo garaa naa bal'ate
Araarrisaas kunoo narratti baay'ate
Fixeensi akka in dhibne tulluu Heermoon irraa
Jaalalli isaa in dhumu kan barabaraadha
Garraamii akka gugee hammeenya in lakkaa'u
Isa dhiisee darbe adabaaf naan ka'u
Kristoos firri koo Hangafa Lubaati
Hafuurri an baafadhu lubbuun koos kansaati
Yemmuttiin dadhabu nan dhiisu na tirsa
Meeqa na danda'e obseema naa dhiisaa
Haalaan nan jaal'anne haalaanis nan haalu
Nii beeka hamma koo himna koo hin wal'aalu
T H R E E
Nan bareede na bareecheem uffanni koo
Uffanni abbaan natti uwwise
Nan bareede na miidhekseem ayyaanni koo
Ayyaanni abbaan natti uwwisee
Yaahiwween harka koo mirga isaatiin qabe
Guutuu jireenya koos araarasaan kabe
Akka uffata Addaam marxoo Baalaa miti
Mudaa koo kan dhokse ayyaan gooftaati
Haa eebbifamu harki na baate
Dhiigni Yesuus mucaa Waaqayyoo hin kantaru
Dadhabaa humna dhabee kufuuf gatantaru
Ofiisaatti hirkisuuf harka kansaa qaba
Simboosaa itti uwwisee fuula abbaasaa dhaba
Haa eebbifamu Gooftaan nu dhaabe
Aha ha aha*3 Haa eebbifamu