Hoo Jennee Dhufne faarfannaa Ortodooksi Tawaahidoo FAARFATTOOTA#IYYERUSAALEEM#MIIDIYAA
IYYERUSAALEEM MIIDIYAA и Mezmur Bet
0:00 / 0:00
Hoo Jennee Dhufne faarfannaa Ortodooksi Tawaahidoo FAARFATTOOTA#IYYERUSAALEEM#MIIDIYAA
20 127 просмотров · 1 год назад
IYYERUSAALEEM MIIDIYAA и Mezmur Bet
20 127 просмотров · 1 год назад
Hoo jennee
Hoo jennee dhufnee Hoo jennee
Waaqayyoon qabanne
Maariyaam qabannee
Abaaboo qabannee
Nageenya lallabnee
Daddaraarera...Eeyyee
Daraaranii
Nuyiif dhufeera
Barri haaranii
Gooftaan Waggaa haaraa
Nu ilaalchise
Nu jaallateera
Hundaa caalchise
Si Faarfannaa Waaqa Abboota keenyaa
Nuuf kenni nageenya
Akka dubbannu...Eeyyee
Galata jennee
Jiraatan baraa
Bara nuuf kenne
Dukkanaaf dhiphuu
Isaam dabarree
Waggaa haaraatti
Ifa agarree
Meexxii qabannee ....Eeyyee
Nagaa lallabna
Waaqa Abbaa nagaa
Kiristoos qabna
Nuyi Ijoolleensaa
Nun dhiisu yoomu
Baraan maqaansaa
Haa galatoomu
Ergamoota kee ....Eeyyee
Ergi nu tiksi
Amantii keenyan
Dhaabi nu cimsi
Akka hin banneef
Hirkoo nuuf ta'i
Bara egeree
Ittiin nu ga'i
Bara haaraa kana ....Eeyyee
Bara gammachuu
Kan tokkummaafi
Kan wal jaalachuu
Bara guddinaa
Bata nageenyaa
Nuuf taasis yaa Waaq
At Abbaa keenya
Kabajaan turaa ulfinaani/2/
Ijoolleef horii horattanii
Wangeela Gooftaa barattanii
Gaabbio galtanii dhiqattanii
Fooniif dhiigasaa fudhattanii
Mootummaasaa akka dhaaltani
Kabajaan turaa ulfinaani
==•|•==