Baattadheen deema ulfina kee Girmaa Kuusaa
Jireenya Mo'ataa ( Victories Life )
0:00 / 0:00
Baattadheen deema ulfina kee Girmaa Kuusaa
1 388 просмотров · 2 г. назад
Jireenya Mo'ataa ( Victories Life )
842 подписчика
1 388 просмотров · 2 г. назад
Baattadheen deema ulfina kee
Barreessaan: Girmaa Kuusaa
Sagaleen: Girmaa Kuusaa
Anaaf qabeenya koo anaaf jireenya koo,
Anaaf beekumsa koo anaaf eegumsa koo,
Anaaf ulfina koo anaaf guddina koo,
Anaaf kabaja koo anaaf miidhaga koo,
Natti ulfaatu iyyuu lafa hin kaa'u,
Ba'aan ormaa immoo narra hin taa'u(2)
Baattadheen deema ulfina kee/6/
1.Haalli mijachuu baatullee baattadheen deema ulfina kee,
Jireenyi natti ulfaatullee baattadheen deema ulfina kee,
Yoo ulfaate lafa hin kaa'u baattadheen deema ulfina kee,
Omtuu hamma isaa naan ga'u baattadheen deema ulfina kee,
Isatu laga na ceesisaa,
Daabiloosiin gad teessiisaa,
Gooftaa koo ulfina kee baadhee,
Daangaa daangaattan deemsisaa.
2.Bu'aa ba'iin yoo baay'atee baattadheen deema ulfina kee,
Rakkinnii narra dheeratee baattadheen deema ulfina kee,
Ani hin faallessu yaada kee baattadheen deema ulfina kee,
Dhaabadheen eega guyyaa kee baattadheen deema ulfina kee,
Tureeraa erga bar meeqaa,
Miidhameen ulfina eegaa,
As ga'ee obsa koo hin fixuu,
Iyyesuus Gooftaa koon eega.
Baattadheen deema ulfina kee/6/.
3.Hir'uun koo guutuu yoo baates baattadheen deema ulfina kee,
Barri rakkistuu yoo taates baattadheen deema ulfina kee,
Iddoo salphinaa hin yaadu baattadheen deema ulfina kee,
Si gaddisiisuu hin barbaaduu baattadheen deema ulfina kee,
Ani haalaan sin madaaluu,
Sirra hoo omtuu naan caalu,
Haftullee natti hafti malee,
Ijji koo orma hin ilaaluu.
Naaf wayyaa! mana kee naaf wayyaa,
Harka kee naaf wayyaa,Yesuus(Gooftaa) koo mana kee naaf wayyaa(2)
Nan argeerawoo bu'aa isaa na jiraachisee qofaasaa/3/
Nan argeerawoo bu'aa isaa isatu boollaa nama baasaa.
4.Firaaf lammiidhaan jibbamuu baattadheen deema ulfina kee,
Waan hin qabnen arrabsamuus baattadheen deema ulfina kee,
Hunduu waan fedhe haa darbatuu baattadheen deema ulfina kee,
Ani garuu kaayyoo koo hin gatuu baattadheen deema ulfina kee,
Biyya hundaatti ardii hundattuu,
Dadhabees bara dullumaattuu,
Yoo dhufes kan kana caaluu,
Haalaan qabamee si haaluu.
5.Xinnummaatti na leenjiftee baattadheen deema ulfina kee,
Harka kee irratti na guddiftee baattadheen deema ulfina kee,
Yaada keetiif na hojjettee baattadheen deema ulfina kee,
Of naa eeggadhu naan jettee baattadheen deema ulfina kee,
Ani siifan of eeggadhaa,
Dhaapheen ulfina kee baadhaa,
Salphadhee maqaa sin nyaadhuu,
Gorsa kees hin irraanfadhuu.
Naaf wayyaa! mana kee naaf wayyaa,
Harka kee naaf wayyaa,Yesuus(Gooftaa) koo mana kee naaf wayyaa(2)
Nan argeerawoo bu'aa isaa na jiraachisee qofaasaa/3/
Nan argeerawoo bu'aa isaa isatu boollaa nama baasaa.