Akaakuu Sirnoota Siyaasaa
ARSADII MEDIA - Miidiyaa Arsadii
0:00 / 0:00
Akaakuu Sirnoota Siyaasaa
92 просмотра · 1 г. назад
ARSADII MEDIA - Miidiyaa Arsadii
1,17 тыс. подписчиков
92 просмотра · 1 г. назад
Kitaaba SIRNAA irratti yaadota gaggabaaboo...
. KUTAA 2
. (Akaakuu Sirnoota Siyaasaa)
~‘Impeeriyaalizimii’: Kaayyoon ijaarfama sirna kanaa saboota ykn biyyoota hedduu weerara waraanaatin of jalatti dabaludhaan daangaa lafaa guddoo/Great Empire/ ijaarrachuudha. Mootummaan sirna kanaa immoo hooggantoota waraanaati.
~‘Fiwudaalizimii’: Bu’uurri sirna kanaa sirna diinagdee abbaa lafaa /land lord/ ta’uu irratti kan hundaa’e yoo ta’u mootummaan isaa immoo warra sanyii mootii jedhamaniin hoogganama. Akkaaataa sirna kanaatti lafti biyyaa guutuun kan Mootii aangoorra jiruu yoo ta’u, qondaalota waraanaa fi hojjattoota ‘birokiraasii’ isaa eeganiif akkaataa gahee isaanitin lafti ni hiramaaf.
Sirni kun deeggarsa biyya Ingiliziin bara Minilik 2ffaa keessa ijaaramee hanga kufaatii Hayila Sillaaseetti kan itti fufe yoo ta’u, kufaatii mootummaa Hayila Sillaasetin booda garuu bu’uurri sirnichaa jijjiiramuu baatus bifaa fi maqaa jijjiirrateera.
~‘Sooshaalizimii’: sirna diinagdee too’annoo fi hordoffii mootumma jalatti qabeenya waliin hojjatanii waliin fayyadamuu jedhu bu’ura godhachuun ijaarame….. Sirni kun kufaatii Hayila sillaasee booda, bara Dargii (1974 GC) karaa deeggarsa biyya Ruusiyaatin Xoophiyaa keessatti shaakalamaa tureera. Haa ta’u malee gareen mootummaa Dargii hundeesse ‘ayidolojii’ fi ‘birokiraasii’ sirna Fiwudaalizimiitin dursee diriiree ture bu’uurarraa jijjiiruu waan hanqateef, ‘Sooshalizimii’n osoo ummatan iyyuu wal hinbarin lolaan jalqabee lolumaan xumurame.
~‘Kappitaalizimii’: Sirna kun sirna diinagdee haaraa ta’e, dhiibbaa/gidduseentummaa mootummaa malee gabaa bilisaa/free market/ namoota dhuunfaa fi dhaabbilee dhuunfaa irratti hundaa’e labse. Akkasumas mootummaa Mootiin bulaa ture gara ijaarfama paartii siyaasatti jijjiire. Sirni kun kufaatii mootummaa dargii booda bara Ihaadig/Wayyaanee karaa mootummaa Ingiliizii fi Ameerikaatin 'shaakalaaf' gara biyya keenyaatti dhufe...
itti fufa...
Yaada guutuuf: • Akaakuu Sirnoota Siyaasaa
#BiyyaafiSirnaKeenya