Перейти к содержимому

EKER DUBBIFTUU || Singer Girmaye Bayisa || Album 5 Track 7 || NEW GOSPEL SONG

GIRMAYE BAYISA OFFICIAL

0:00 / 0:00

EKER DUBBIFTUU || Singer Girmaye Bayisa || Album 5 Track 7 || NEW GOSPEL SONG

18 181 просмотр · 1 г. назад
GIRMAYE BAYISA OFFICIAL
59,5 тыс. подписчиков
18 181 просмотр · 1 г. назад
GIRMAYE BAYISA OFFICIAL #girmaye_bayisa_official #girmaye_bayisa_new_song #girmaye_bayisa ALBUM 5 TRACK 7 Eker dubbiftootaaf jennee, bita galoommitti seenne wal’aaleerra isa waamamee Falfalaan nama dawweessuu, taatotaann nama gowwoomsuu maqaakeen namni saamame Warrotni akka Baar-yesuusi diina dhugaa ta’aniiiru ha’as akkuma kaleessa Tiksituun ulee hirkifnaan yeeyyiin karra keessa guutte namatu hin barre maleessaa Bakka abbaan cidhaa hin jirretti heddummmateera hamaamotni Warra fayidaa wal saamuuf si arguu dhabeem dhalootni Dukkanii humna nu caaleeraa gooftaa nuuf godhi gargaarsa Kun sabakeef eebba miti mee nurraa kaasi abaarsa Kaleessa fagootti ilaallee waan itti rifachaa turre har’a bifa jijjiirrate Warra akka Demeexiroostu maqaa tajaajiltummaatiin manakee keessa dhokatee Iddoo qulqulluun xuraa’ee wanti keessummaan ol seene, dhumni barootaas ga’eera Raajotniif bartootni duraan kan aarsaa itti kaffalani karaa soorumaa ta’eeraa Dukkanni ardii uwwifnaan dhugaan akkuma albuudaa lafa keessa gad fagaate Warri dhoksaa kana beekus didee wal dura dhaabannaan darbanii deemuun ulfaatee Warri imaanaa sirkaa fuudhes leecalloo fi teessoo wal saamuuf ergamasaa irraanfatee Akka amma jirru kanatti manni samii sun fagoodha ayyaannikee nutti hir’atee Yeroo sarbamu simboo fi ulfinnikee Yoo arrabsiisanis namootni maqaakee Utuu saamamuus adda addaan mannikee Yoo miidhamellee muddamee namnikee Yerookee eegda safuudha obsakee