Bikila Kebede | IDDOO KOOLUU | Faarfannaa Afaan Oromoo (Official Music Video) 2026/2018
Bikila Kebede Official
0:00 / 0:00
Bikila Kebede | IDDOO KOOLUU | Faarfannaa Afaan Oromoo (Official Music Video) 2026/2018
184 771 просмотр · 2 месяца назад
Bikila Kebede Official
101 тыс. подписчиков
184 771 просмотр · 2 месяца назад
#Iddookooluu
#faarfannaaafaanoromoo
#oromogospelsong
#ethiopianprotestantmezmur
#bikilakebede
lyrics
Yesus
Nagaa kooti, boqonnaa kooti
Holqa iddoo kooluu wabii lubbuu kooti
Nagaa kooti boqonnaa kooti
Da'oo iddoo kooluu wabii lubbuu kooti
Bita natti hin galu abdii dhabee
Harka kee irra utuun jiruu sodaan na qabee
Nan beeka harkikee in amansiisa
Akkam godheen si abdachuu itti dhiisa
Yesus *2
Ganamas sin Waama
Galgalas sin Waama
An si waamee hin quufu Gonkumaa
Gaaffiitti baay'ata guutee hin guutu biyyi lafaa
Baqee baduuf jira miidhaginni isaas in hafa
Haala in ilaalu foon koo hin dhaga'u
Siifan hojjedha, siifan bitama siifan ergama
Waamtee nan dhabiin qajeelfama keef nan abboomama
Booddee koo hin ilaalu fannoo koo baadhee si duukaan deema
Isa ati naaf ilaalte ulfina barabaraa qabachuufan aggaama
Mijates hammaates hir'uu koo hin lakkaa'u si Waaqessuu hin dhiisu
Guyyaa keetti dhuftee hunda gaarii goota maaliree kan na raasu
Haaleluyaa natti dhiyoo jirta
Haaleluyaa altokkoof nan buustu na baatta
Haaleluyaa hiika jireenya koo
Haaleluyaa akka galaanaa goote nagaa koo
Abdii na guute na dhuunfate na jajjabeesse hafuurri kee
Booddee koo ilaalee an of hin abaaru naaf mijateera anaaf manni kee
Akkam bareedu guyyoonni koo kanan si faana daddabarse
Ani kan keeti atis kankoo siif of kenneera hundumaa dhiisee
Gooftaa koo barruun kee in mijata gooftaa koo
Gooftaa koo manni kee in mijata Gooftaa koo
Gooftaa koo manni kee in mijata gooftaa koo
Gooftaa koo harkikee in mijata gooftaa koo