Перейти к содержимому

Kitaaba SIRNAA/Kutaa 1

ARSADII MEDIA - Miidiyaa Arsadii

0:00 / 0:00

Kitaaba SIRNAA/Kutaa 1

71 просмотр · 1 г. назад
ARSADII MEDIA - Miidiyaa Arsadii
1,17 тыс. подписчиков
71 просмотр · 1 г. назад
Kitaaba Sirnaa irratti yaadota gaggabaaboo... . KUTAA 1 ~Uumamni Waaqaa marti sirnaan uumamanii sirnaan jiraatu. ~Uumama kamiyyuu dura Sirna Uumamaatu uumame/diriire. ~Uumamoota hin muul’anne keessaa Sirni Ayyaanaa(spiritual system) Sirna uumamaa keessatti sirnaa’ee jira. ~Sirnootni Xabboo hunduu wiirtuu Muudaa fi Bokkuu qabu. Wiirtuun Muudaa hariiroo Uumaa fi sirna Uumamaa(HEERA) kan tiksuu fi qajeelchu yoo ta’u, wiirtuun Bokkuu immoo bulchiinsa biyyaati (SEERA) ~Sirni Siyaasaa wiirtuu Muudaa waan hin qabneef, seera malee heera hin qabu. ~Sirni Xabboo hariiroo sirna uumamaa fi eenyummaa ummataatin masakamee diriira waan ta’eef, yoo wiirtuun isaanii (Muudaa fi Bokkuun) jalaa diigamellee heeraa fi seerri isaanii eenyummaa ummataa keessatti hambaa ta’ee hafa. ~Sirnoota Xabboo keessaa Sirni Gadaa hariiroo sirna Uumamaa fi enyummaa saba Oromotin maskamee diriire waan ta’eef wiirtuun isaa (Muudaa fi Bokkuun) jalaa diigamullee heerri fi seerri isaa ammayyuu inuma jira....