Перейти к содержимому

Araddaa Tufaa Munaa...Finfinnee, Karra Qirxii.. Kutaa 1/ARSADII MEDIA/

ARSADII MEDIA - Miidiyaa Arsadii

0:00 / 0:00

Araddaa Tufaa Munaa...Finfinnee, Karra Qirxii.. Kutaa 1/ARSADII MEDIA/

686 просмотров · 3 г. назад
ARSADII MEDIA - Miidiyaa Arsadii
1,17 тыс. подписчиков
686 просмотров · 3 г. назад
Finfinnee, Karra Qirxii Araddaa Tufaa Munaa KUTAA 1 Hidda Tuulamaa keessatti hortee Torban Oboo Keessaa Gosti Gimbichuu warra Angafaati. 4n Gimbichuu immoo: Sayyoo, Akaakoo, Bonayyaa, fi Mana Abbichuuti. Karri Qirxii Karra 5nan Finfinneen qabdu keessaa daandii gara Kaaba Oromiyaatti geessuudha. Abbaan Dirree Karra kanaa warra Gimbichuuti. Dirreen kun naannawa magaalaan Sulultaa irratti ijaaramtee jalqabee Wasarbii fi Tulluu Xuuxxoo (Inxooxxoo) dabalatee hanga Mujjaa(Shiro meda) fi Waayyuu(naannawa ‘Qacanee’ fi ‘Addisuu Gabayaa’)tti fulla’a. Tulluu Xuuxxoo gaditti naannawa Mujjaatii jalqabee hanga Caffee Araaraa(6 kilo) fi mana Abbichuu (Faransaay lagaasiyoon)tti immoo Qe’ee warra Abbabaa Aragaay Bacharee Bareedaa fi Goobana Daaccii..Tulluu..Koyyee..Facce..Dooyyooti. Manni warra Abbabaa Aragaay Bacharee bakka amma ‘Sanba Naqarsaa’ itti ijaarame yoo ta’u, manni warra Goobana Daaccii immoo iddoo amma Embaasiin Ameerikaa jiru kana ture. Maalif laata Ameerikaan kan bakka kana filatteef??! Hubannoo waliigalaaf… (Ameerikaa, Ingiliizi, Jarmanii fi Vaatikaan/Rome Catholic iddoo ofiif filatan; kennameefii miti) Bakka amma Embaasiin Ingiliiz jiru kun Mooraa/dallaa warra Tufaa Araddoo Jaarraa (abbaa Abeebee Tufaa) fi Baalchaa Gaarii Jaarraati. Bakki Embaasiin Vaatikaan jiru (Bakkanniisaa) immoo Mooraa/Dallaa warra Shabbuu Waliyyuuti (Muummee Abdaarii Aabbuu). Embaasiin Jarman immoo bakka Dhibaayyuu Malkaa Qabanaa fi Burqaa Abdaarii Awwaarooti. Malkaan Qabbanaa malkaa Oromoon yeroo Karra Baarrak irraan Hora Finfinnee saaquuf deemu itti irreeffatee ce’e (itti milkaa’e) waan ta’eef Malkaa ulfoodha. Yeroo lola Aduwaa deemanis malkaa kana iddoo Abdaarii Awwaaroo jalaan itti irreeffatanii ce’anii milkaa’an (Adewa Dildiy). (seenaan Aduwaa akka nutti himamaa jiru kanaa miti; Oromoon Faranjiin akka Oromiyaatti hin seenne bakkuma jirtutti ittisuuf duule malee Xoophiyaa ijaaruuf miti…Yeroo biraa itti deebina.) Bakka Burqaa Abdaarii Awwaaroo kana amma bataskaana “Baataa Maaram fi cinaan immoo ‘Sillaasee Kaatederaal’ ijaarame; ‘Baataa Maaram’ duubaan bakka amma Masaraan Mootummaa jiru kun immoo Mooraa/Dallaa Warra Sarrawwaa Lumee Bookkisaati; Warra Ayyaantuuti/GALMA Qaalluu! Isa immoo Minilikitu fudhate… Seenaan isaa dheeraadha (Viidiyoowwan kana dura hojjannee laalaa). Sirni Habashaa faranjoota waliin ta’uun Oromummaa diigee balleessuuf hedduu hojjatus, Malkaa-Tulluu fi Dirree handhura Oromoo (Finfinnee) falfalaan faale malee hundee buqqisuu hin dandeenye; hin danda’us! Yeroof garuu wiirtuu SIRNA Oromoo irra ciisudhaan faca’iinsa nutti uumeera. Ammaaf Karra Qirxiitti haa deebinu; Dirree Gimbichuu, Araddaa Tufaa Munaa..Jiloo..Giddaa..Sawwaa..Kuraa…Maaruu...Guutoo…Wasarbii (Warra Abbaa Malka kan Malkaa Wasarbii) Egaa ‘ijji baddu bakki ijaa hin baddu’ akkuma jedhamu qe’een Warra Tufaa Munaa akka duriitti jiraachuu baatus bakkuma dirii jira. Abdaarii warra Tufaa kan Tulluu Taajjab gubbaa jiruu fi Manni Ob. Tulluu Daadhii Tufaa Munaa, kan waggaa 90 dura ijaarame Tulluu Taajjab jala ona ta’ee nu taajjabaa jira. Araddaa Tufaa Munaa namni irraa baqatus Abdaariin Tufaa fi manni Ob. Tulluu Daadhii garaa jabaatanii irraa baqachuu hin dandeenye. Dadii durii san dhabanii muufatanis garuu abdii hin kutanne;…dhaloota kana eeggachaa jiru! Akkuma yeroo darbe kaasne, Finfinneen keenya jechuun Gamoo fi gamaa-dhufaa har’a irra jiru kana osoo hin ta’in, Malkaa-Tulluu fi Lafa lafeen akaakilee abaabilee…biyyoo taatee biyya nuuf taatedha… Ayyaanaa fi Ayyaantummaa isaanitiin milkii guutuu deebisnee arganna! Qe’een Tufaa Munaa, Tulluun Taajjab, fi Horteen Tufaa har’a maalirra jiru??? Turtii Ashanaafii fi Tsahaay Hundee ...Tulluu..Daadhii..Tufaa Munaa waliin taasisne kutaa duraa kunooti. (isaan lamaanuu Mag. Sulultaa, iddoo ‘Miizan’ jedhamu jiraatu. Tsahaay Buna Jabanaa karaarratti gurguruun of jiraachisti; akkasumas qaama-miidhamtuudha. Ashanaafinis hojiidhuma xixiqqoodhaan jireenya gadadoo tirsaa jira…) barbaaddan: Tsahaay (0911179828), Ashanaa