SIRNA deebisuu
ARSADII MEDIA - Miidiyaa Arsadii
0:00 / 0:00
SIRNA deebisuu
50 просмотров · 10 мес. назад
ARSADII MEDIA - Miidiyaa Arsadii
1,17 тыс. подписчиков
50 просмотров · 10 мес. назад
Kitaaba SIRNA...
. KUTAA 10
. (Sirna diigame deebisuu)
~ Sirni ummataa tokko diigame kan jedhamu yoo wiirtuun isaa hojii ykn tajaajila dhaabeedha. Utubaan sirna tokkoo wiirtuu sirnicha sochoosu ykn hoogganu waan ta’eef wiirtuun diigamnaan: Sirna Siyaasaa yoo ta’e diigamee badeera jechuu dandeenya; Sirna Xabboo yoo ta’e immoo hambaan sirnichaa eenyummaa ummataa keessatti waan hafuuf ripheera/ciiseera jechuu dandeenya.
~ Sirni Xabboo ayyaantummaa hariiroo Sirna Uumamaa waan qabuuf ni ripha malee guutummaatti dirree sanarraa baduu hin danda’u. Akkasumas Sirni Xabboo bu’uurri isaa Sirna Uumamaa fi eenyummaa ummatichaati waan ta’eef yoo kufaatin isa qunnamellee laphee ummataa keessatti riphee hafa. Kanaaf Sirni Xabboo ‘hambaa’ waan qabuuf deebisanii magarsuun hin rakkisu.
~Sirni Siyaasaa hariiroo Sirna uumamaaa fi eenyummaa ummataatin walhinqabatu waan ta’eef diigamnaan carraa deebi’ee ijaaramuu hin qabu.
~ Addunyaarratti uummata Sirni Xabboo jalaa diigamee deebi’anii ijaarratan keessaa ummata Hindii fi Israa’el akka fakkeenyaatti fudhachuu dandeenya.
~Wiirtuu Sirna Gadaa diigan malee heeraa fi seera Gadaa laphee fi qalbii ummataa keessa jiru diiguu hin dandeenye; hin danada’amus!
~Oromoon sirnatti deebi’uuf dursa kan irratti xiyyeeffachuu qabu heeraa fi seera Gadaa osoo hin ta’in Wiirtuu Sirna Gadaa kan ta’an Muudaa fi Caayaa Bokkuu deebisanii magarsuudha.
Yaada dabalataaf:
Link:
1.
2.
#BiyyaafiSirnaKeenya