Перейти к содержимому

Wiirtuu Muudaa fi Bokkuu

ARSADII MEDIA - Miidiyaa Arsadii

0:00 / 0:00

Wiirtuu Muudaa fi Bokkuu

43 просмотра · 11 мес. назад
ARSADII MEDIA - Miidiyaa Arsadii
1,17 тыс. подписчиков
43 просмотра · 11 мес. назад
Kitaaba SIRNAA irratti... . KUTAA 4 . (Wiirtuu Muudaa fi Bokkuu) ~Sirni siyaasaa fi barsiisni ‘amantii’ osoo hin eegalamin dura sabootni addunyaa marti sirna Xabboo kan mataa isaanii qabu. ~ Kuush bara hin beekamne irraa eegalee Nuubiyaa keessatti Muudaa Mormor fi Odaa Walaabuu Wiirtuu Sirnaa godhatanii jiraachaa akka turan ragaa hedduutu eera. ~Erga sirni siyaasaa eegalamee booda Wiirtuun Muudaa iddoo hedduutti gara dhaabbata ‘amantii’tti jijjiirame. Iddoo tokko tokkotti immoo guutummaatti diigamee akka hafu taasifame. ~Seenaan addunyaa tanaa erga sirni siyaasaa fi barsiisni ‘amantii’ eegalamee booda gara-galchoo/faallaa ta’eetu barsiifamaa asi gahe jechuun ni danda’ama. Keessaayyuu dabnii fi shirri Wiirtuu Muudaa irratti hojjatame addunyaa tana gatii guddaa kaffalchiiseera; ittis jira. ~Wiirtuun Muudaa Mormor erga mootummaa Aksum kan Impaayera Roomaatin deeggaramaa tureen diigamee booda sabootni hortee Kuush wiirtuu waliigalaa waan dhabaniif addaan faca’anii akka hafan ragaaleen qorannoo ni eeru. ~Ummanni Oromoo erga Wiirtuu hortee Kuush kan ture Odaa Walaabuu fi Muudaa Mormor irraa dhiibbaa diinaatin (Impaayera Roomaa fi mootummaa Aksuma Rooman deeggaramun) adda faca’insarra gahee booda kophaatti bahee Wiirtuu jalqabaa kan mataasaa kan godhate Erer, Caffee Dongoraa (Finfinnee) fi Odaa Nabee-Caffee Tumaati. Jaarraa 13ffaa booda Shiftoota ‘sanyii warra Salamoon’ ofiin jedhan, kanneen Ingiliiz fa’in ijaaramanii Muudaa Finfinneerratti lola gaggeeffamaa tureen gara Tulluu Cuqqaalaatti socho’anii turan. Yeroo keessa achittis dhiibbaan alagaa itti hammaannan Malkaa Laga Hawaas irra qubatanii turtii murtaa’een booda jaarraa 14ffaa booda gara Odaa Roobaa fi Madda Walaabuutti socho’an jedhama. ~Akka qorattootni garaagaraa barreessanitti hanga jalqaba jaarraa 19ffaatti(1801) wiirtuun Muudaa Oromoo tokkichuma ture. Wiirtuun Bokkuu Gadaa (Odaa fi Caffeen) garuu naannoo bara 1450 booda ardaa xixiqqaa garaagaraatti qoqqoodamuun wiirtuu Waliigalaa dhabeera. Fkn. Ardaa Booranaa, Ardaa Tuulamaa, Ardaa Gujii, Ardaa Maccaa, Ardaa Arsii, Karrayyuu, Ituu, Raayyaa…. ~Hunda caalaa bu'urri walooma/tokkummaa Oromoo Wiirtuu Muudaati. ~Warra Muudaa tokkoon muudamuun akka miseensa maatii tokkoo ta’uuti waan ta’eef, yeroo Oromoon Muudaa fi Bokkuu tokkotti bulaa turetti koloneeffattootni Awuroppaa qaawwa ittiin seenan dhabanii hedduu rakkachaa turanii boodarra toftaa nugusoota shiftaa 'Mootoma Salamoon' ofiin jedhaniin Wiirtuu Muudaa buqqisiisuu irratti hojjachaa akka turan ragaa hedduutu eera. Link:    • Wiirtuu Muudaa fi Bokkuu   #BiyyaafiSirnaKeenya